BBO - Onkololeessa 13/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojjattoota biirichaa haala gurmaa'insa haaraan ramaduuf qajeelfama ramaddii haaraa bahe Lakk. 34/2019 mariisisuun hubachiiseera.
Waltajjicha haasaan kan bana hogganaa I/A BBOfi I/G Damee Hoggansa Misooma Qabeenya Namaa obbo Galatoo Tukee yoo ta'an, hojii misooma barnootaa haala gurmaa'insa haaraan walsimsiisuuf, tajaajila saffisaafi qulqulluu fayyadamtoota biraan gahuufi ergama mootummaan biiroof kenne qixa barbaadameen galmaa'an gahuuf ramaddiin kan gaggeeffamu ta'uu, ramaddiin kunis sadarkaa barnootaafi muuxannoo irratti kan hundaa'e ta'uu ibsuun hojjattootni gulantaalee jiran irratti akkuma barnootaafi muuxannoo isaaniitti iyyachuun kan dorgoman ta'uu dubbataniiru.
Itti aansuun Sanadaa Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Baase Lakk. 34/2019 irratti kan dhiheessan obbo Huseen Qaasim Daayirektara Qormaataafi Iyyaafannoofi Miseensa Koree Ramaddii yoo ta'an, qajeelfama haala ifaafi salphaatti hubachuun danda'amuun hojjattootaaf dhiheessaniiru.
Dhumarratti, qajeelfama dhihaate irratti yaadota ifa hin taane irratti gaaffiifi ibsa dabalataa gaafachuun kan gaggeeffame yoo ta'u gaaffileefi yaadota hojjattootarraa ka'aniif waltajjiirraa ibsi kennameera.
@OromiaEducationNews 💠
| |📱Facebook ||📱 WhatsApp || 📱Telegram || 🤖Bot ||
Oromia Education News 💙












