Cabiinsa Qulqullina Barnootaa Fayyisuu Malee Suphuun Fala Hin Ta'u. Kutaa - 1Cabiinsa qulqullina barnootaa Fayyisus ta'ee Suphuun hojii investimeentii olaanaa gaafatuufi qabeenya /bajata/ daran hedduu kan gaafatu waan ta'eef qabeenya biyyoota akka keenyaa kanneen qormaata keessa kan galchu ta'uun ni hubatama.
Qulqullinni barnootaa haala salphaan akkuma cabe; haala salphaan fayyisuun danda'ama jedhamee hin yaadamu.
Haaluma kana hubachuun cabiinsa ture suphuu mannaa, fayyisui wayya jechuun MNO fi BBO'n cabiinsa uumamee ture kana fayyisuu murteessun bu'uura irraa jijjiiruu irratti xiyyeeffatanii hojjachaa jiru.
Sababoota cabiinsa qulqullina barnootaa turan qorannoon adda baasu, furmaata laatuufi fooyya'insa qabatamaa ta'e lafarratti mul'atan galmaa'aa jiru. Bu'uura irraa jijjiirun kan jalqabame Sirna Barnootaa irraa kan eegalame yoo ta'u, barreeffama kana keessatti walduraa duuban kan dhiheessinu ta'a.
1-:Sirni Barnootaa Jijjirameera
• Adeemsa Baruu Barsiisuu Gahumsarratti Hundaa'e Hojiirra Ooleera.
• Barnootni Bu'uura Boruu Dhugoomeera.
• Barnootni Gadaa, Safuufi Dhaweessummaa,Hammatamaniiru.
• Qulqullina Barnootaa Bu'uurarraa Fayyisuun Jalqabameera. -Sirna Barnootaa Jijjiirameen Bu'aan Barachuufi Naamusni Barattootaa Bu'uura Irraa Fooyya'aa Dhufeera.
2- Gahumsa Ogummaa Barsiisummaafi Hoggansa Barnootaa: Gahumsi Ogummaa Barsiisummaafi Hoggansa Manneen Barnootaa cabiinsa qulqullina barnootaa fayyisuu keessatti hundaa ol murteessaa ta'uun ni beekama. Haaluma kanaan, fooyya'insa bu'aa barachuufi naamusa barattootaa bu'uura irraa dhugoomaa jiru kanaaf abbaan barsiisaafi hoggansa manneen barnootaa ta'uun qabatamaan mul'ateera. Barsiisotaafi hoggansa barnootaa sadarkaan jiruuf leenjiin fooyya'insa ogummaa barsiisummaa yeroo yeroon kennamu bu'aan isaa lafarratti mul'ateera.
3 - Mijaa'ina Manneen Barnootaa (Schools Facility): Qulqullina barnootaa mirkaneessuu irratti hudhaawwam hedduu jiran keessaa tokko mijaa'ina dhabuu/ istaandardii gadi ta'uuf barattootaaf hawwataa ta'uu dhabuudha.
Haaluma kana bu'uureeffachuun bara 2010 as manneen barnootaa haaraa ijaaraman istaandardii akka biyyaatti kaa'ame irratti hundaa'amanii akka ijaaraman taasifameera. Manneen barnootaa sana dura turan immoo, istaandardii isaanii akka guuttatan /daree suphuu, bishaan dhugaatti, mana fincaanii, ibsaa, suphaa dallaa, mooraa mana barnootaa hawwataa taasisuufi kkf / akka guuttatan inisheetiviiwwan adda addaa bocuun qooda fudhattoota barnootaa hirmaachisun manneen barnootaa hedduu istaandardiin isaanii fooyya'aa dhufeera. .Kunis , qabxii barattootaa qormaata naannoofi biyyoolessaa waggoota shanan darban keessatti fooyya'aa dhufe ragaa baheera. Manneen barnootaa qabnu hunda waggoota muraasa keessatti istaandardii akka ta'an gochuuf qabeenyi akka biyyaatti qabnu muraasa ta'uurra kan ka'e halkan tokkotti jijjiiramanii buluu hin danda'an. Haaluma kana hubachun qooda fudhattoota barnootaa/ hawaasa, abbootii qabeenyaa, seektaroota adda addaa, dhaabbilee miti mootummaa, dhaabbilee Amantiifi kkf hirmaachisuu jijjiirama haalamuu hin dandeenye misooma barnootaa keessatti diriirfamee jira.
Dhumarratti, Mata Duree "Cabiinsa Qulqullina Barnootaa Fayyisuu Malee Suphuun Fala Hin Ta'u." jedhuun sababoota cabiinsa qulqullina barnootaa turan Keessaa 3 Dhiheessuun Hojiiwwan Cabiinsa Kana Fayyisuuf Hojjatamaa Jiraniifi Bu'aawwan Galmaa'an Muraasa Kaafnneera. Sagantaa itti aanutti immoo, sababoota cabiinsa qulqullina barnootaa turaniif furmaata kennamaa jiruufi jijjiirama jiru kan waliin ilaallu ta'a! #NuHordofaa
💙
Oromia Education News 💠
💙
Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱
Facebook |📱
WhatsApp |📱
YouTube | |📱
Telegram | | 🤖
Bot | |
Oromia Education News 💙BBO