Barnootni Ga'eessotaa Meeshaa Jireenya Hawaasaa Saffisaan Fooyyessuufi Fayyadama Dijitaalaan Kan Walitti Madaqsuudha Jedhame.BBO - Hagayya 30/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Haala Raawwachiisummaa Sagantaa Barnootaa Al - Idile (Non - Formal Education) Irratti Abbootii Adeemsaa Sagantaa Barnoota Al-Idilee Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa Irraa Walitti Babahaniif Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa Adaamaatti Argamutti Leenjii Guyyaa Lamaaf Turu Kennuu Eegaleera. Leenjicha haasawaan kan banan hogganaa I/A BBO obbo Girmaa Baayisaa yoo ta'an, barbaachisummaa sagantaa barnoota Al - Idilee ilaalchisee daa'imman umriin isaanii 8 -14 ta'anii carraa barnoota idilee hin argatiniifi barnootaa ala ta'an Sagantaa Barnoota Saffisaan, Ga'eessotni carraa barnootaa otuu hin argatin umrii 15fi ol ta'an immoo Sagantaa Barnoota Ga'eessotaan barsiisun hawaasa dinagdee saffosaan guddisuu danda'u, dubbisuu barreessuufi herreguu danda'uufi teeknooloojitti fayyadamuun faayinaansii isaa sirna dijitaalawaan bulchuu danda'u horachuuf biiroon keenya cimee hojjataa jira jedhaniiru. Kanaafuu, jedhan obbo Girmaam, hawaasni keenya barreessuu, dubbisuu, lakkoofsa shallaguu hin dandeenye yeroo ammaa moobaayilii harkaattilee fayyadamuu dadhaburraa kan ka'e ergaa t'ext'n darbu erguu ykn fudhachuu hin dandeenye kanneen fala hatattamaa kennuuf qabna. Leenjitootnis kutannoon of kennitanii akka hojjattan jechuun dhaamsa dabarsuun waltajjiin ifaan ifatti saaqamuu ibsaniiru.
Itti aansun haasawa kan taasisan hogganaa I/A BBO Dr. Bultoosaa Hirkoo yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti Barnootni Ga'eessotaa Meeshaa Jireenya Hawaasaa Saffisaan Fooyyessuufi Faayinaansii Isaa Sirna Dijitaalaan Bulchuu Dandeessisuu Keessatti Murteessaa Ta'uu Ibsaniiru.
Barnootni beekumsa, dandeetti, ilaalchaafi fayyadama teeknooloojii dhala namaa kan guddisuufi fooyya'insa jireenyaaf bu'uura ta'uu kan dubbatan Dr. Bultoosan, lammiin carraa barnoota Idilee hin arganne hunduu sagantaa barnoota al idilee keessatti hammatamuu akka qaban; lammiin hin baranne misoomaafi nageenya biyyaa irratti dhiibbaa guddaa waan qabaniif qooda fudhattootni barnootaa hunduu gahee isaa bahachuu qaba jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Haaluma walfakkaatun, BBOtti Daayirektarri Daayirektoreetii Sagantaa Barnoota Al Idilee obbo Tashoomaa Abbabaa sagantaa leenjichaa waltajjiif kan beeksisan yoo ta'u, mata dureewwan
• Hammatummaa Faayinaanssii (#Financial Inclussion) ilaalchisee barnoota ga'eessotaa keessatti haala dhugoomsuun danda'amuufi Gahee BBO irratti kan dhiheessan obbo Amiin Abdallaa, Waajjira Pirezidaantii MNO irraa ta'uu,
• Qaajelfama Sagantaa Barnoota Saffisaa kan dhiheessan Ministeera Barnootaa Itoophiyaa ogeessa sagantaa barnoota al idilee irraa ta'uu walduraa duuban kan dhihaataniifi mariin irratti taasifamu ta'uu -Dhumarratti, Gabaasa Raawwii Hojii Bara 2018 Godinaaleefi Magaalotaa kan gamaagamamu ta'uu beeksisaniiru. Dabalataanis obbo Tashooman, leenjitootni /abbootin adeemsaa Sagantaa Barnoota Al Idilee Godinaaleefi Magaalotarraa dhuftan carraan barnoota Al Idilee dhabuuf argachuun lammiilee barnoota idileen ala jiranii hundi harka keessan jira jedhaniiru. Kanaafuu, imaanaa biiroon keenya isinitti kenne kutannoon galmaan akka geessan isinirraa eegama jedhaniiru. Hawaasa barate, teeknooloojiin walitti madaqe, jireenya isaa fooyyeffate arguuf hundi keenya xiyyeeffannoo kennuu qabna jechuun dhaamanii jiru.
Walumaa galatti, leenjicha kan kenne qaama Waajjira Pirezidaantii MNO fi Ministeera Barnootaa Itoophiyaa irraa dhufanii yoo ta'u obbo Amiin Abdallaa Gorsa Waajjira Pirzdantii MNO Dhimma Faayinaansiifi Dr.Yoseef Abarraa Ministeera Barnootaatti Daayirektara Sagantaa Barnoota Al Idilee kan argaman yoota'u BBO irraas hoggantootni I/A fi Daayirektarootni kan argaman ta'uun beekameera.
💙
Oromia Education News 💠
💙
Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
| |📱
Facebook |📱
WhatsApp |📱
YouTube | |📱
Telegram | | 🤖
Bot | |
Oromia Education News 💙BBO