Oromia Education Bureau Telegram channel photo

Oromia Education Bureau

@oromiaeducationnewsPublic Channel

Get the latest Education News, Exam schedules, Policy Updates, and others announcements and other News. #Oromia #Education #News.

6.8k

Last views

219.7k (219,689 subscribers)
Members
—
Rating
111
Total Posts
Oct 18, 2026, 9:16 PM
Updated
Oct 10, 2026
Created
Stats

You are viewing English content. To see content in other languages, change the language of the site.

Channel Information

Channel Information
Channel NameOromia Education Bureau
Username@oromiaeducationnews
CategoryGovernment Exams
LanguageEnglish
CountryUnited States
Members219,689
Channel TypePublic Channel
CreatedOct 10, 2026
Last UpdatedOct 18, 2026 • 4 days ago
StatusActive

Ranking

Global Ranking
#131447+188
Language Ranking
#26018+113
Category Ranking
#421+4

Participant Growth

Total: 219.7K30 Days growth: -2840.1%
10/0910/1110/1310/1510/1710/1910/2110/22
Participant Growth - 30 Days
DateSubscribers
09:10:2026219,921
10:10:2026219,921
11:10:2026219,921
12:10:2026219,921
13:10:2026219,921
14:10:2026219,921
15:10:2026219,921
16:10:2026219,921
17:10:2026219,709
18:10:2026219,681
19:10:2026219,666
20:10:2026219,668
21:10:2026219,659
22:10:2026219,637
Participant Growth - Weekly
DateSubscribers
Week of 05:10:2026219,921
Week of 12:10:2026219,681
Week of 19:10:2026219,637
Participant Growth - Monthly
DateSubscribers
October 2026219,637
Participant Growth - Yearly
DateSubscribers
2026219,637

Latest Posts

Oromia Education Bureau logo
Oromia Education Bureau

Oct 22, 2026, 16:08

Moosaajiin Leenjii Fooyya'insa Ogummaa Barsiisummaa, Hoggansaafi Ogeessa Barnootaa /Learning Management System -LMS/' Online'n Kennamu Hojiirra Ooleera.

Barsiisotni, Hoggansiifi Ogeessi Barnootaa Bakka Jirutti Online'n Barachuu Ni Danda'a!

Liinkichis:- https://cpd.oeb.gov.et/

@OromiaEducationNews 💠

| |📱Facebook ||📱 WhatsApp || 📱Telegram || 🤖Bot ||

Oromia Education News 💙
10,7000027
Oromia Education Bureau logo
Oromia Education Bureau

Oct 21, 2026, 23:41

Koreen Dhaabbii Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa gamaggama raawwii hojii Kurmaana 1ffaa sektaroota (9) sagal Magaalaa Adaamaatti qorachaa jira.

Dr Bultoosaa Hirkoo

Dr.Bultoosaa Hirkoo
11,2000045
Oromia Education Bureau logo
Oromia Education Bureau

Oct 20, 2026, 20:28

Moosaajiin Leenjii Fooya'insa Ogummaa Barsiisotaa, Hoggansaafi Ogeessota Barnootaa Har'a Ifoome.

BBO - Onkololeessa 10/2019 Moosaajiin leenjii fooyya'insa ogummaa barsiisummaa, hoggantummaafi ogeessota barnootaa ( Continuous Professional Development - CPD 'online'n irratti gaggeeffamu /LMS/ BBOn misoomse hojiirra oolmaasaa dhaabbata leenjii kennu Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa/OSU/ waliin ta'uun har'a Galma Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa -Adaamaatti ifoomeera.

Moosaajichatti fayyadamuun leenjiifi barnoota fooyya'insa ogummaa moojuloota qopha'an 'online'n leenjitootaaf kan dhiheessan yoo ta'u, yunivarsiitichi leenjicha guutumaan guututti kan too'atuufi bulchu/barsiisuu/leenjisuu, iyyaafannoo(assessment) madaaluu/ qormaataafi ragaa barnootaa kennuun/ barsiisota, hoggantootaafi ogeessota barnootaa hundaaf kan tajaajilu ta'uun ibsameera.

Saganticha kan ifoomsan Dr. Bultoosaa Hirkoo hogganaa BBO fi Dr. Garramawu Hulluuqaa Pirezidaantii OSU waliin ta'uun saganticha ifoomsaniiru. Hogganaan BBO Dr. Bultoosaa Hirkoo haasawa isaanii keessatti .hoggantootni barnootaa, barsiisotniifi ogeessotni barnootaa haala addunyaa saffisaan jijjiiramaa adeemtu keessatti waliin saffisaan waliin fooyya'aa deemuun, ogummaa keenya fooyyessaa deemuun dirqama yeroon gaafatu ta'uu ibsuun, dhaloota egeree keenya ta'an gahumsaan ceesisuun nurraa eegama jedhaniiru. Dhimmi barnootaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu egeree ummata keenyaa waan ta'eef dandeettiifi ogummaa keenya fooyyessaa deemuun ala filannoo biraa hin qabnu jechuun, barsiisotni, hoggansiifi ogeessotni barnootaa hundi sagantaa kana bakka/iddoo jirtanitti itti fayyadamoo ta'aa jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Pirezidaantiin OSU Dr. Garramawu Hulluuqaa gama isaaniin, Yunivarsiitiin isaanii barsiisotaafi leenjiftoota muuxannoo yeroo dheeraa qaban ta'uu ibsuun leenjicha 'online'n kennamu gahumsa olaanan kan raawwatan ta'uu dubbachuun, ammaaf #Barsiisota Bu'uura Boruutiif Moojuliin 1 , #Barsiisota Sad. 1ffaaf Moojuloota 10 fi #Barsiisota Sad. 2ffaaf immoo Moojuloota 13 Moosaajicharratti fe'amuu ibsuun barsiisotni, hoggansiifi ogeessi hunduu galmaa'ee barachuu kan danda'u ta'uu ibsaniiru. Walumaagalatti, Moosaajichi (LMS) ifaan ifatti kan hojiirra ooleefi leenjichis kan jalqabame ta'uu hoggantootni lachuu kan mirkaneessan yoo ta'u, barsiisotni 'User Name fi Password' #TMIS kanaan dura jijjiirraaf itti fayyadamaa turtaniin seenuun barnoota keessan hordofuu kan dandeessan ta'uun ibsameera. hoggansaafi ogeessotaaf immoo, User Name fi Password' argachuu akkamitti akka dandeessan kan isin beeksifnu ta'a.

Liinkichis:- https://cpd.oeb.gov.et/

@OromiaEducationNews 💠

| |📱Facebook ||📱 WhatsApp || 📱Telegram || 🤖Bot ||

Oromia Education News 💙
22,600751101
Oromia Education Bureau logo
Oromia Education Bureau

Oct 20, 2026, 17:22

Qulqullina barnootaa cimsuun egeree dhalootaa ijaaruudha!

Barnoonni furtuu guddina biyya tokkoo, madda kalaqaa, teknoloojii, ogummaafi bu'uura badhaadhina waaraa yoo ta'u, dhaloota qaroome horachuun egeree ifaa ijaaruuf qulqullina barnootaa mirkaneessuun murteessaa ta'uu hubachuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota beekumsa gonfate, ogummaafi kalaqa hidhate, naamusa qabu, dandeettii gabbifatee rakkoo kamuu hiikuu danda'uufi itti gaafatamummaa fudhachuu danda'u horachuuf barnootaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira.

Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa hojii misooma barnootaa naannichaa daran bu'a qabeessa taasisuuf hojjechaa kan jiru yoo ta'u, guyyaa har'aas seektara barnootaatti hooggansaafi hojjettoota naannoo irraa kaasee hanga mana barumsaatti jiran ga'umsa isaanii yeroo yerootti sakatta'aa deemuuf moosaajii fooyya'insa ga'umsa ogummaa barsiisotaa, hooggansa barsiisotaafi ogeessota Barnootaa caalaatti cimsuuf qorumsa gahumsaa walitti fufaa (On-Line Continues Professional Development /CPD) kennuu dandeessisu misoomsuun ifoomsaniiru.

Sagantaa kana irratti haasawaa kan taasisan hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Bultoosaa Hirkoo Barnoonni bu'uura ijaarsa biyyaa akkasumas dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'uu kaasuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaas dhaloota gama hundaan ga'umsa, naamusa, ogummaafi beekumsa qabu horachuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachu ibsaniiru.

Moosaajiin misoome kun ga'umsa humna namaa cimsaa kan deemuu, baasii hin taaneef akka hin saaxilamne kan gargaaruufi beekumsa barsiisotaa gabbisuun egeree biyyaa ijaaruu keessatti qooda guddaa qabaachuu himuun barsiisonni keenyaas guyyaa har'aa irraa eegalee galmaa'uun, barachuufi dubbisuu akka qaban dhaamaniiru.

Pirezdaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Garramoo Hulluuqaas gama isaaniin, moosaajiin misoome kun ga'umsa barsiisota keenyaa cimsuun beekumsa isaanii gabbifachaa akka deeman kan garaaruu ta'uu kaasuun, kun ammoo qulqullina barnootaa naannoo keenyaa mirkaneessuu keessatti qooda giddaa qabaachuu ibsaniiru.

@OromiaEducationNews 💠

| |📱Facebook ||📱 WhatsApp || 📱Telegram || 🤖Bot ||

Oromia Education News 💙
19,30010036
Oromia Education Bureau logo
Oromia Education Bureau

Oct 19, 2026, 20:06

Photo1/20
#ERGAA_ARIIFACHIISAA
#Barsiistota Bu'uura Boruu Eeggattoota Taataniif

BBO, Onk.09/02/2019 Kaadhimamtoota Barsiisota Bu'uura Boruu Kaampaasii Barnoota Barsiisotaatti Leenjii gabaabaa Barnoota Bu'uura Boruu fudhattan ramaddii kennuun gara hojiitti bobbaasuun ni beekama.
Haata'u malee barsiisonni carraa kaaftanii ramaddii hin argatiin/eeggataa taatanii jirtan akkaataa fedhii godinaaleefi aanaaleen ergan giddugaleesda godhachuun eeggattoonni maqaan keessan armaan gadditti ibsame hundi guyyaa 9-13/02/2019tti bakka ramaddii itti argattanitti deemuun ramaddii keessan fudhattanii hojiitti akka bobbaatan hubachiifna.
#CARRAA_GAARII

@OromiaEducationNews 💠
| |📱Facebook ||📱 WhatsApp || 📱Telegram || 🤖Bot |
21,60019080
Oromia Education Bureau logo
Oromia Education Bureau

Oct 19, 2026, 17:54

Barsiisota Kutaa 1ffaa Ingiliffaa Barsiisaniif Sagantaa 'Jolly_Phonics" Irratti Leenjiin Kennamuu Eegale.

BBO - Onkololeessa 09/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisota kutaa 1ffaa Ingiliffa barsiisan 400 ol ta'aniif Sagantaa "Jolly Phonics" jedhamu irraatti leenjii guyyoota 3f turu Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa(QLB) -Adaamaatti argamutti kennuu eegaleera. Sagantaan "Jolly Phonics" adeemsa baruu barsiisuu caaseffamaa, qaama miiraa adda addaa hirmaachisu, tooftaa sagalee qubeewwanii walitti makuun dandeettii dubbisuufi barreessuu dandeessisuu yoo ta'u, mala taphaafi faaruun daa'imman bashannansiisaa barsiisuuti. Kunis, daa'imman salphumatti ingiliffa dubbisuufi barreessuu kan dandeessisu waan ta'eef manneen barnootaa hunduu hojiirra oolchuu akka danda'an leenjiin marsaa marsaan kan kennamu ta'uun beekameera. Sirna baniinsa leenjichaa irratti argamuun haasawa kan taasisan Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Dursaa Garee Leenjii Barsiisotaa kan ta'an obbo Nagaasaa Nagaraa yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti biiroon keenya yeroo darbe keessa leenjiwwan fooyya'insa ogummaa barsiisotaafi hoggansa barnootaaf kennamaa turan ibsuun, #keessatti_Afaan_Oromoo_dubbisuufi_barreessuu irratti #barsiisotaafi_dura bu'oota #manneen_barnootaaf_kennamaa_tures_bu'aan mul'ataa kan jiru ta'uu himuun, #ammas_haaluma_walfakkaatuun #rakkoo_dubbisuufi_barreessuu_Ingiliffaan walqabate furuuf sagantaa #Jolly_Phonics irratti barsiisota kutaa kutaa 1ffaa Ingiliffa barsiisan leenjii marsaa jalqabaa bara 2019 har'a eegaluu ibsaniiru. Leenjichi barsiisota Ingiliffa barsiisaniifi dura bu'oota manneen barnootaa kan hirmaachisu yoo ta'u, marsaa 12n(6 barsiisotaafi 6 dura bu'ootaaf) kan kennamu leenjitoota 3000 ol kan hirmaachisu ta'uu dubbataniiru. Dabalataanis, obbo Nagaasaan leenjicha kan kanaan duraa irraa adda kan taasisu barsiisotniifi dura bu'ootni mana barnootaa tokko irraa akka leenji'an gochuun, barsiisaafi dura bu'aan hubannoo walfakkaatu argachuun qindoominaan hojiirra akka oolchan gochuuf kan gargaaru ta'u ibsuun leenjitootnis xiyyeeffannoon leenjicha akka hordofan dhaamsa dabarsuun leenjicha ifaan ifatti saaqamuu ibsaniiru. Leenjichi barsiisota biyya alaa muuxannoo yeroo dheeraa qabaniif biyya keessayis dhaabbatichi leenjiif qacarateen kan kennamu yoo ta'u, leenjitootni marsaa jalqabaa keessatti hirmaatan Godina Giddi Galeessaafi Godina Kibba Bahaa irraa walakkaan kan hirmaachiseefi marsaawwan itti aanutti Godinaalee 6nu kan waliin gahu ta'uun sagantaa baherraa hubachuun danda'ameera. Dhumarratti, qindeessan leenjichaa obbo Alamuun leenjitoota garee gareen qooduun gara daree leenjiitti ramaduun raabsaniiru. #Hubachiisa: Appilikeeshinii "Jolly Phonics" jedhu bilbila ykn kompitara irraa ' #Play_Store' keessa galuun buufachuun shaakaluun kan danda'amu ta'uu ni beeksifna.

@OromiaEducationNews 💠

| |📱Facebook ||📱 WhatsApp || 📱Telegram || 🤖Bot ||

Oromia Education News 💙

Oromia Education News 💙
19,60011046
Oromia Education Bureau logo
Oromia Education Bureau

Oct 15, 2026, 19:50

Kalaqni Meeshaa Rakkoon Ittiin Hiikamuudha Jedhame.

BBO - Onkololeessa 05/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisotaafi barattoota manneen barnootaa keessatti dandeettii waa kalaquu qaban sadarkaa manneen barnootaa irraa eegalee hanga godinaafi bulchiinsa magaalotaatti bara barnootaa 2018 keessa dorgomsiisaa ture tibbana sadarkaa naannootti Magaalaa Adaamaa Giddu Gala Galma Abbaa Gadaatti waldorgomsiisaa ture sadarkeessuufi badhaasuun har'a xumureera. Dorgomtootni hojii kalaqaa dhiheeffachuun Onkololeessa 03 -05/2019tti hawaasa barnootaa kan daawwachiisaa turan yoo ta'u, ogeessota Biiroo Teeknooloojiifi Kalaqaa irraa afeeraman waliin ta'uun hojiin isaanii sadarkeeffameera. Haaluma kanaan barsiisotni sadarkaa 1ffaa - 3ffaa bahaniifi barattootni sadarkaa 1ffaa - 3ffaa bahan dorgommii sadarkaa akka biyyaatti boru eegalamu irratti kan hirmaatan ta'uun beekameera. Xumura sagantichaa irratti argamuun ergaa kan dabarsan hogganaa I/A BBOfi I/G Damee Imaammataa, Tarsiimoofi Sirna Barnootaa obbo Shamsaddiin Abraahim yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti, qindeessitoota sagantichaafi ogeessota BTKO irraa dhufan galateeffachuun jalaqabaniiru. Obbo Shamsaddiin, hojii kalaqaa dorgomtootaa dhiheessan daawwachuun kan jajjabeessan yoo ta'u, dhumarratti dhaamsa dabarsaniin "Kalaqni Meeshaa Rakkoon Ittiin Hiikamuudha!" jechuun, waa kalaquun kan eegalamu rakkoo irraa ka'uun yoo ta'u rakkoo ture san furuuf kalaquun eegalama jedhaniiru.Kanaafuu, Kalaqni furmaata rakkoo jiruufi jireenya dhala namaa waan ta'eef; rakkoo gara carraatti jijjiiruu, carraa hojii uumuufi barnoota ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsuun biiroon keenyas barnoota yaadamaan/theory'n/ dareetti kennamu qabatamaa taasisuuf sirna barnootaa gahumsa irratti hundaa'e hojiirra oolchaa jirru hawaasni barnootaa hunduu kutannoon akka hojjatan jechuun obbo Shamsaddiin dhaamsa dabarsaniiru. Itti aansuun haasawa kan taasisan BBOtti Daayirektara Daayirektoreetii Sagantaa Barnoota Sad. 2ffaa Doktara Kaadhimamaa Mangistuu Lataa yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti dorgomtoota hojii kalaqaa qabatanii dhihaatan hunda dinqisiifachuun carraaqqii isaanii jajjabeessaniiru. Qindeessaan Sagantichaa obbo Geetaachoo Abarraatis naamusa dorgomtootni turtii isaanii keessatti agarsiisaniif galateeffataniiru.Dhumarratti, dorgomtoota hundaaf waraqaan ragaa kan kenname yoo ta'u, sadarkaa 1-10 kanneen bahaniif meedaaliyaan mormaafi waraqaa ragaa kan kenname yoo ta'u, dorgomtoota :- Barattootaa sadarkaa 1ffaa - 3ffaa bahaniif qarshii kuma 25, 20fi 15 walduraa duubaan, meedaaliyaa mormaafi waraqaa ragaa, -Barsiisota sadarkaa 1ffaa - 3ffaa bahaniif immoo, qarshii kuma 30. 25fi 20 walduraa duubaan, meedaaliyaa mormaafi waraqaa ragaa badhaafamaniiru. Haaluma walfakkaatuun, waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalaa Mojoo, Shaggariifi Godinni Shawaa Kaabaa (haala gurmaa'insa bara 2018 turee) hirmaannaa ho'aa taasisaa turaniif Waancaa badhaafamaniiru.Dorgommichi barattoota kutaa 9ffaa -12ffaa jidduttiifi barsiisota kutaa 9ffaa -12ffaa barsiisan jiddutti kan gaggeeffamaa ture yoo ta'u, barsiisotniifi barattootni sadarkaa 1-3 bahan guyyaa 27/02/2019 irraa eegalee dorgommii sadarkaa biyyaatti gaggeeffamu irratti kan hirmaatan ta'uun beekameera. Dorgomtoota dorgommii sadarkaa biyyaatiif darbaniif carraa gaarii hawwineerra!

Carraa Gaarii!

@OromiaEducationNews 💠

| |📱Facebook ||📱 WhatsApp || 📱Telegram || 🤖Bot ||

Oromia Education News 💙

Oromia Education News 💙
27,082140106

Showing 30 of 111 posts

Rating

Login required

Frequently Asked Questions

What is the Oromia Education Bureau Telegram channel about?+

Oromia Education Bureau (@oromiaeducationnews) is a Telegram channel listed under Government Exams on tgdio. This profile shows ranking, ratings, reviews, and recent posts so you can decide before subscribing in Telegram. It currently lists about 219,689 subscribers on tgdio.

How do I join Oromia Education Bureau (@oromiaeducationnews) on Telegram?+

Open the channel profile on tgdio, then use the Join / Open in Telegram button to go to @oromiaeducationnews in the Telegram app or web client and subscribe for free.

Is Oromia Education Bureau a good Government Exams channel to follow?+

On tgdio you can check Oromia Education Bureau's rating, user reviews, ranking, and latest posts before joining. It currently lists about 219,689 subscribers on tgdio. Compare it with similar Government Exams channels in the same category.

Where can I see Oromia Education Bureau stats and latest posts?+

On tgdio, open the @oromiaeducationnews channel page for subscriber stats, ranking, ratings, and recent posts. Use the Stats link on the profile for deeper growth and activity charts.