Ilaalcha badaa waayee qur'aanaa 5
1.qur'aana haffazanii dhagahuun haraama
✓ namoonni baay'een sababni isaan hifzii qur'aanaa hinbarbaannef tarii haffaze yoon dagadhehoo jedhu,sababnisaa qur'aana haffazanii dhagachuun haraama jedhanii waan yaadaniifi.
✓ ta'us ragaan hadiisaa qur'aana haffazanii dagachuun guutuma guututti haraama jedhu hinjiru.
👉 qur'aana akka hin haffaznefis sababa hinta'u.
~ kana jechuun,Kan haffazne akka salphaatti haa ilaallu osoo hintaane hanga dandeenye akka hindaganneef haa carraaqnu jechuudha malee garuu,humna isaa ol ta'ee yoo jalaa badee dagate rakkoo hinqabu,cubbamaas miti.
2.suuraan qur'aanaa makkiy fi madiniy jedhamee bakka lamatti qoodama.
Kanaafuu,namoonni baay'een makkiy jechuun makkaatti kanbu'e yeroo ta'u,madiniy jechuun immoo madiinatti kanbu'edha jedhanii yaadu.
✓ Qur'aana keessatti makkiy fi madiniy kan agarsiisu iddoo ykn biyya suuraa qur'aanaa keessatti bu'ame osoo hintaane,yeroo itti bu'amedha.
✓ suuraan qur'aanaa makkiy jedhaman hijran osoo hintaasifamiin gara madiinatti godaansi osoo hintaasifamiin dura suuraalee qur'aanaa bu'an kan agarsiisu yeroo ta'u,makkaa keessatti ykn makkaan alatti bu'uu danda'u.
Faallaadhan,suuraaleen madiniyy jedhaman hijraa booda,gara madiinatti godaansi erga taasifamee booda suuraalee bu'an kan agarsiisu yeroo ta'u, madiina keessatti yookin madiinaan alatti bu'uu danda'u.
Fakkeenyaf: suuraa fath suuraa qur'aana madiinaan alatti gara naannoo makkaatti dhihaatutti kanbu'e yeroo ta'u madiniyy jedhamee beekama.
3.waliin dhahanii qara'uun haraama!
✓ waliin dhahuu karaa lamaan laalla:
1ffaa keeyyata qur'aanaa duraa duuba isaa osoo hin eegin qara'uu.
Fkn: keeyyata 3 erga qaraanee booda duubatti deebinee keeyyata 2 qara'uudha
✓ qaraatiin akkasii dhowwaadha❌
2ffaa immoo Suuraa qur'aanaa waliin dhahuu
Fkn: suratul naas arga qaraanee booda duubatti deebinee suratul ikhlaas fuulduratti suratul falaq qara'uu jechuudha.
✓ qaraatiin akkanaa dhowwaa miti ykn cubbuus miti✅
➡️ Rasuulli s.a.w suuraa Baqaraa erga qara'anii suratul nisaa qara'an achumaanu suratul Al-imran qara'an.
👉Garuu,salaata keessatti duraa duuba isaa eeganii qara'uun nijaalatama.
4.qur'aana yoo qara'aa jiraatte malee cufuun dirqama
✓ namoonni tokko tokko qur'aana qaraanee yeroo xummurru cufuu akka qabnuufi banamee taa'uun akka hindanda'amne nutti himu.yoo cufamuu baate sheeyxaanni nidubbisa jedhanii amanu.qur'aana banamee dhiifame yeroo argan dafanii akka cufan ajaju.
👉kun hundi ragaa qabatamaa hinqabu❌
✓ Qur'aana bananii dhiisun cubbamaas nama taasisuu hindanda'u❌
✓ hinqaraanu,itti hinfaya
yadamnu taanan yookin qaraanee yeroo xummurru waraqaan isaa qilleensi, awwaarrifi wantoonni garaagaraa akka hinmiineef cufuun gaaridha nijaalatamas✅
5.qur'aana qara'uuf wudu'a gochuun dirqama
✓ namoonni tokko tokko qur'aana qara'uuf wudu'a gochuun dirqama jedhu
✓ wudu'a malee qur'aana qara'uun haraama miti✅
✓ yeroo kana jennu,sammudhan yookin osoo qur'aana harkaan hinqabatiin wudu'a malee qur'aana qara'uun nidanda'ama jechuudha malee, qur'aana harkaan saaqnee qara'uuf wudu'a gochuun dirqama✅
✓ wudu'a malee harkaan qabanne qara'uuf meeshaalee kanneen akka bilbila,tableetii yokin computera fayyadamnee qara'uu dandeenya✅
✓ dubartiin uzuur(laguu) irra jirtu meeshaa kanneen fayyadamuun qara'uu dandeessi✅
Obboleewwan keessaniif Share gochuun ajrii argadhaa.








