BBO - Onkololeessa 10/2019 Moosaajiin leenjii fooyya'insa ogummaa barsiisummaa, hoggantummaafi ogeessota barnootaa ( Continuous Professional Development - CPD 'online'n irratti gaggeeffamu /LMS/ BBOn misoomse hojiirra oolmaasaa dhaabbata leenjii kennu Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa/OSU/ waliin ta'uun har'a Galma Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa -Adaamaatti ifoomeera.
Moosaajichatti fayyadamuun leenjiifi barnoota fooyya'insa ogummaa moojuloota qopha'an 'online'n leenjitootaaf kan dhiheessan yoo ta'u, yunivarsiitichi leenjicha guutumaan guututti kan too'atuufi bulchu/barsiisuu/leenjisuu, iyyaafannoo(assessment) madaaluu/ qormaataafi ragaa barnootaa kennuun/ barsiisota, hoggantootaafi ogeessota barnootaa hundaaf kan tajaajilu ta'uun ibsameera.
Saganticha kan ifoomsan Dr. Bultoosaa Hirkoo hogganaa BBO fi Dr. Garramawu Hulluuqaa Pirezidaantii OSU waliin ta'uun saganticha ifoomsaniiru. Hogganaan BBO Dr. Bultoosaa Hirkoo haasawa isaanii keessatti .hoggantootni barnootaa, barsiisotniifi ogeessotni barnootaa haala addunyaa saffisaan jijjiiramaa adeemtu keessatti waliin saffisaan waliin fooyya'aa deemuun, ogummaa keenya fooyyessaa deemuun dirqama yeroon gaafatu ta'uu ibsuun, dhaloota egeree keenya ta'an gahumsaan ceesisuun nurraa eegama jedhaniiru. Dhimmi barnootaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu egeree ummata keenyaa waan ta'eef dandeettiifi ogummaa keenya fooyyessaa deemuun ala filannoo biraa hin qabnu jechuun, barsiisotni, hoggansiifi ogeessotni barnootaa hundi sagantaa kana bakka/iddoo jirtanitti itti fayyadamoo ta'aa jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Pirezidaantiin OSU Dr. Garramawu Hulluuqaa gama isaaniin, Yunivarsiitiin isaanii barsiisotaafi leenjiftoota muuxannoo yeroo dheeraa qaban ta'uu ibsuun leenjicha 'online'n kennamu gahumsa olaanan kan raawwatan ta'uu dubbachuun, ammaaf #Barsiisota Bu'uura Boruutiif Moojuliin 1 , #Barsiisota Sad. 1ffaaf Moojuloota 10 fi #Barsiisota Sad. 2ffaaf immoo Moojuloota 13 Moosaajicharratti fe'amuu ibsuun barsiisotni, hoggansiifi ogeessi hunduu galmaa'ee barachuu kan danda'u ta'uu ibsaniiru. Walumaagalatti, Moosaajichi (LMS) ifaan ifatti kan hojiirra ooleefi leenjichis kan jalqabame ta'uu hoggantootni lachuu kan mirkaneessan yoo ta'u, barsiisotni 'User Name fi Password' #TMIS kanaan dura jijjiirraaf itti fayyadamaa turtaniin seenuun barnoota keessan hordofuu kan dandeessan ta'uun ibsameera. hoggansaafi ogeessotaaf immoo, User Name fi Password' argachuu akkamitti akka dandeessan kan isin beeksifnu ta'a.
Liinkichis:- https://cpd.oeb.gov.et/
Barnootni Qulqulluun Lammilee Hundaaf!
Oromia Education Bureau ☑️
Oromia Education Bureau










