1/4Waamicha Barattoota Waggaa 1ffaa Haaraa fi Reemeediyaalii Yuunivarsiitii Dabra Maarqoos
Barattoota bara barnootaa 2019 Yuunivarsiitii Dabra Maarqoositti waggaa 1ffaa (haaraa) ramadamtaniif akkasumas bara 2018 Yuunivarsiiticha keessatti sagantaa Reemeediyaalii (Remedial Program) hordoftanii qabxii darbiinsaa galmeessiftan hundi, guyyaan galmee Onkoloolessa 16 fi 17 bara 2019 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera.
Yeroo galmeef deemtan wantoota qabachuu qabdan:
✓ Sartafikeettii kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii hin deebine
✓ Tiraaniskiriiptii kutaa 9–12ffaa orijinaala fi kooppii hin deebine
✓ Sartafikeettii kutaa 8ffaa orijinaala fi kooppii hin deebine
✓ Suuraa gurdii (3×4) ta'e afur (4)
Hubachiisa:
Barattoonni bara 2018 Yuunivarsiitii Dabra Maarqos Kaampaasii Bureetti barnoota Reemeediyaalii hordoftanii qabxii darbiinsaa galmeessiftan galmeen keessan Kaampaasii Bureetti ta'a.
@freshmanethiopian









