ABC News Afaan Oromoo Telegram channel photo

ABC News Afaan Oromoo

@AbcoromooPublic Channel

Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!

World NewsEnglishUnited States
22.2k (22,162 subscribers)
Members
—
Rating
56
Total Posts
Sep 16, 2026, 1:48 PM
Updated
Apr 1, 2026
Created
Stats

You are viewing English content. To see content in other languages, change the language of the site.

Channel Information

Channel Information
Channel NameABC News Afaan Oromoo
Username@Abcoromoo
CategoryWorld News
LanguageEnglish
CountryUnited States
Members22,162
Channel TypePublic Channel
CreatedApr 1, 2026
Last UpdatedSep 16, 2026 • 10 days ago
StatusActive

Ranking

Global Ranking
#60409-43
Language Ranking
#12851-1
Category Ranking
#290+1

Participant Growth (Last 20 Days)

Total: 22.2K
24h growth: -58 0%
04/0104/1004/2205/1206/2708/0309/0709/16

Latest Posts

ABC News Afaan Oromoo

Sep 10, 2026, 11:05

Taphni har’a Naappooliin Arsenaal, Liiverpuul ammoo Atileetikoo Maadriid keessummeessan ni eegamu

Finfinnee, Qaammee 4, 2018 – Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a Naappooliin Arsenaal, Liiverpuul ammoo Atileetikoo Maadriid keessummeessan ni eegamu.

Har’a galgala sa’aatii 1:45 eegalee Baarseloonaan – Feyenoord, Istuutgaarti ammoo Viking waliin taphatu.

Halkan sa’aatii 4:00 eegalee Naappooliin – Arsenaal waliin taphata.

Kilaboonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 5 keessaa Arsenaal yeroo 3 yoo injifatu, Naappooliin ammoo si’a 1 injifachuun tapha tokko qabxii qooddataniiru.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Liiverpuul Atileetikoo Maadriid keessummeessa.

Taphoota kana dura waliin taphatan 11 keessaa si’a afur afur wal injifachuun, taphoota 3 ammoo qabxii qooddataniiru.

Taphoota biroon PSG - Slovan Bratislava, Ispoortiingi – Gaalaataasaraay waliin morkiin taasisan ni eegama.

Taphoota marsaa jalqabaa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kaleessa eegalameen, Riyaal Maadriid galchii 2 fi 1’n Intermiilaan, Maanchiister Siitiin galchii 2 fi 0’n Poortoo, Astoon Viilaan galchii 3 fi 2’n Kilab Biruuj, akkasuma Booriishiyaa Doortimandi galchii 3 fi 2’n Viilaariyaal injifachuun kan yaadatamuudha.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇

https://t.me/drhoneliat12em💌
678005
ABC News Afaan Oromoo

Sep 10, 2026, 11:05

Qaammeen 4, guyyaan daneessummaa sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 4, 2018 – Qaammeen 4, guyyaan daneessummaa sosochii Ispoortii fi dhimmoota hawaasummaa garaagaraan kabajamaa jira.

Qaammee 4 guyyaan daneessummaa Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti sosochii Ispoortii, qorannoo yaalaa bilisaafi Arjooma dhiigaatiin kabajamaa jira.

Sosochiin Ispoortii jabina qaamaa gabbisuurra darbee hariiroo hawaasummaa cimsuun nageenya waaraa fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu saganticharratti kan hirmaatan Ministeerri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsaniiru.

Ministeerichi waqtii gannaa hojii tajaajila Lammummaan Qorannoo yaala bilisaa lammiilee miiliyoona 45'f guutuu biyyatti argamaniif kennuu eeran.

Qaammee 4, Guyyaa daneessummaa sababeeffachuun namoota kuma 200'f qorannoon yaala bilisaa kan kennamu ta'uus dubbatan.

Sosochii ispoortii kana irratti hoggantoonni, kutaaleen hawaasaa garaagaraa, dargaggoonnii fi maanguddoonni hirmaataniiru.

Kunis tumsa waloo fi ijaarsa biyyaaf faayidaa qabaachuu ibsame.

Guyyaan daneessummaa kun buchiinsa magaalaa Shaggar, Dirre Dhawaa fi kutaalee biyyattii garaagaraatti sosochii Ispoortii fi dhimmoota hawaasummaa biroon kabajamaa jira.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
765000
ABC News Afaan Oromoo

Sep 10, 2026, 11:05

Dooktar Abiy Ahimad ayyaana bara haaraa sababeeffachuun maaddii qoodan

Finfinnee, Qaammee 4, 2018 –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hojjettootaaf maaddii qoodaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana bara haaraa 2019 sababeeffachuun hojjettoota Waajjira Ministira Muummeef deeggarsa taasisaniiru.

Akkasuma Daa’imman deeggarsa waajjira Ministira Muummeetiin guddataniif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisaniiru.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
717004
ABC News Afaan Oromoo

Sep 10, 2026, 11:05

Baankiin Oromiyaa appilikeeshinii dijitaalaa ‘Abbaa Fardaa Reemit’ jedhamu ifoomse

Finfinnee, Qaammee 3, 2018 – Baankiin Oromiyaa Tajaajila Faayinaansii Diijitaalaa Kaachaa jedhamu waliin ta’uun appilikeeshinii dijitaalaa daddabarsa Maallaqaa Abbaa Fardaa jedhamu ifoomseera.

Lammiileen biyya alaa jiraatan maallaqa gara biyyaa erguuf Abbaa Fardaa Reemiiti buufachuun fayyadamuu akka danda’an eerameera.

Dabalataan appilikeeshinichi tajaajila kaffaltii barnootaa, yaala fayyaa fi mana jireenyaa kaffaluuf oola jedhame.

Abrahaam Abarraatiin

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
965003
ABC News Afaan Oromoo

Aug 26, 2026, 06:38

Yaa’iin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Naannawaa Afrikaa 76ffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Hagayya 19, 2018 (FMC)- Yaa’iin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Naannawaa Afrikaa 76ffaan Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Sirna baniinsa yaa’ichaarratti Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee, Ministira Fayyaa Dooktar Maqds Dhaabaa fi Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf argamaniiru.

Waltajjicharratti Ministiroonni Fayyaa biyyoota Afrikaa 40 ol, bakka buutonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi dhaabbilee idil-addunyaa biroon akkasumas qorattoonni fi qooda fudhattoonni garaagaraa hirmaachaa jiru.

Yaa’iin kun har’a irraa eegalee hanga Hagayya 22, 2018’tti kan gaggeeffamu yoo ta’u, imala damee fayyaa Itiyoophiyaa mul’isuuf ni gargaara jedheetu amanama.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
710002
ABC News Afaan Oromoo

Aug 26, 2026, 06:38

Barataa Saadam Abdulaaziiz Eenyu?

Finfinnee, Hagayya 19,2018 (FMC)- Barataa Saadam Abdulaaziiz Umar qormaata biyyaalessaa kutaa12ffaa damee saayinsii Hawaasaan akka biyyaatti qabxii olaanaa kan galmeessedha.

Saadam bara kana Saayinsii hawaasaan qabxii 576.25 galmeessuun sadarkaa biyyaalessaatti sadarkaa 1ffaa irra jira.

Barataa Saadam Abdulaaziiz Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Cirootti kan dhalate yoo ta’u, barnoota isaa sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Ifaa Islaamaa jedhamutti barachuu dubbata.

Wayita sanas akka mana barumsichaatti barataa urjii akka ture Faanaa Diijitaaliif himeera.

Kutaa 8’ tti qabxii Olaanaa galmeessuun gara Mana Baruumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa galuu ibseera.

Saadam wayita gara Dodolaatti imalu haalli qilleensaa xiqqoo itti ulfaatus dandamachuun baruumsa isaa itti fufuu dubbateera.

Saadam wayita mana barumsichaa seenu miiraa dorgommii olaanaan barnootaa isaa hordofaa turuu hima.

Manni barumsaa, barsiisonnii fi hawaasni deeggarsaa fi hordoffii cimaa kan taasisuufis ibseera.

Riikardii qabxii bara darbee akka biyyatti Saayinsii Hawaasaan galmaa'ee ture 562 cabsuuf hojjechaa akka ture kaaseera.

Saadam obboleettin isaa deeggarsaa gahaa gochaafii akka turte ibsuun, mana isaanii keessa barattoonni 3 qabxii olaanaa fiduun bultii addaattis waliin barachaa akka turan himeera.

Barattoonni Mana Baruumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa kan wal jajjabeessaniifi wal deeggaran ta'uu dubbateera.

Deeggarsi manni barumsichaa barattootaaf taasisuu olaanaa ta'uus kaaseera.

Addunyaa kanarraa yoo hojjetan waanti hin danda'amne hin jiru kan jedhu barataa Saadam, barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun fi yeroo isaatti sirnaan fayyadamuun qabxii kana galmeessuu ibseera.

Barataa Saadam fuulduratti Hariiroo Idil addunyaa( International Relation) barachuu akka barbaadu dubbateera.

Kanaanis hariiroo biyyoota gidduu jiru dippiliomaasii, nageenyaa fi dhimma siyaasaa addunyaa sirritti hubadhee biyya koo sadarkaa fuulduraatti ceesisuuf fedhiin qaba jedha.

Akkasumas nama biyya isaa tajaajilu, hoggansa gaarii ta’uufi dhimma biyya isaa sadarkaa idil addunyaatti bakka bu’ee tajaajiluu akka barbaadu himeera.

Yoo carraqaan wanti hin milkoofne hin jiru kanaaf dhaloonni ammaa miidiyaa hawaasarraa of qusachuun, barnoota isaarrratti xiyyeeffannoo gochuu akka qabu dhaameera.

Tsahaay Gulummaatiin.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
9260013
ABC News Afaan Oromoo

Aug 26, 2026, 06:38

Pirojektii Magac: Aadaa karoora yeroon raawwachuu mootummaa Ida’amuu kan agarsiisu

Finfinnee, Hagayya 19, 2018 (FMC)- Waggoota dheeraaf harkifachaa kan ture Pirojektiin Hidha Magac hordoffii waggoota muraasa keessatti taasifameen xumuraaf gahaa jira.

Mootummaan Ida’amuu pirojektoota jalqabuurra darbee hojiilee misoomaa hedduu yeroo qabameefitti qulqullinaan akka xumuraman gochuun aadaa pirojektoota yeroon raawwachuu gabbiseera.

Pirojektoota buleeyyiirra waggoota dheeraaf harkifatan gamaaggamuun xumuramanii tajaajilaaf akka gahaniif hordoffii gochaas jira.

Pirojektoota kanneen keessaa tokko kan ta’e ijaarsi hidha Magac hordoffii olaanaa waggoottan lamaan darbanitti taasifameen %94 irra gahuu ibsameera.

Hojiin hidhichaa yeroo ammaa qulqullina isaa eeggatee saffisa olaanaan raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, baatiiwwan muraasa dhufan keessatti guutummaatti ni xumurama jedhameetu eegama.

Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjiitti Hojii Gaggeessaan Waajjira Pirojektoota Jallisii Ashannaafii Likkiisaa, pirojektichi waggoota dheeraaf sababa hanqina dandeettii kontitraakteraan dhaabatee akka ture yaadachiisan.

Ha ta’u malee ajaja Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin kontiraaktera haaraa bakka buusuun pirojektichi daandii milkaa’inaa qabachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa ijaarsi to’annoo bishaanii fi hojiileen elektiroo mekaanikaalaa pirojektichaa xumuramuu ibsameera.

Pirojektichi haala gaariin xumuramaa akka jiru kan ibsan Ashannaafii Likkiisaan, yeroo ammaa kan hafu hojii %6 qofa waan ta’eef baatiiwwan muraasa dhufan keessatti guutummaatti xumuramuun tajaajila kennuu akka eegalu mirkaneessaniiru.

Pirojektichi wayita xumuramu lafa heektaara kuma 17 jallisiin misoomsuu kan danda’u yoo ta’u, rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Goondaris ni fura jedhameetu eegama.

Alamsaggad Asaayyeen.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
655000
ABC News Afaan Oromoo

Aug 26, 2026, 06:38

Photo
Waan addaati !
Barataa Sadarkaa biyyaatti Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fide Jaalal Girmaa Kuusaa !
Barataa Jaalal Girmaa Kuusaa Mana barumsa Bultii Addaa Adaamaa irraa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa akka biyyaatti qabxii Olaanaa 591.6/600 galmesseera !

Baga gammadde Qaxalee !

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
1,1100022
ABC News Afaan Oromoo

Aug 26, 2026, 06:38

Atileet Yoomiif Qajeelchaa simannaa kabajaan simatame

Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) - Atileet Yoomiif Qajeelchaa Istaadiyeemii Riivart Pileet, ‘Eel Moonumentaal’ jedhamutti addatti simannaa kabajaan simatameera.

Atileet Yoomiif Qajeelchaan dorgommii walakkaa maaraatoonii Arjantiinaa, Bonas Aayirasitti gaggeeffame daqiiqaa 56 fi sekondii 51 keessatti xumuruun riikardii addunyaa haaraa galmeessiseera.

Injifannoo kana hordofee, Yoomif Qajeelchaan yaadannoo hin dagatamne keessummeesseera.

Kilabiin beekamaan Ameerikaa Kibbaa, Riivart Pileet, atileetii Itiyoophiyaa kana istaadiyeemii isaa guddaa ‘Eel Moonumentaal’ keessatti kabaja addaan simateera.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
1,200003
ABC News Afaan Oromoo

Jul 22, 2026, 11:03

Imalli Alii Ahimad cimina hojii, dandeettii gabbisuufi of-kennuun kan ijaaramedha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) - Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan taphataan Garee Kubbaa Miilaa Kaanaadaa Alii Ahimad waliin mari’anneera jedhan.

Har'a Alii Ahmad, ilma keenya, miseensa garee kubbaa miilaa biyya Kaanaadaafi taphataa garee kubbaa miilaa ‘Norwich City’ waajjira kootti simachuun kiyya nagammachiisera jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Imalli Alii cimina hojii, dandeettii gabbisuufi of-kennuun kan ijaaramedha. Alaabaa Kaanaadaa jalatti taphatus, Oromummaan isaa daangaa irratti biraa hinhafne. Eessayyuu jiraatu, eenyummaan isaa isa waliin imala. Kunis ilmaan Oromoo bakka jireenyi isaan geesse hundatti eenyummaa isaanii kabajanii, hojiifi milkaa'ina isaanii keessatti, addunyaa irratti mallattoo isaanii kaa'aa akka jiran nuyaadachiisa jechuun ibsan.

Diyaaspooraan keenya madda jabinaafi qabeenya guddaadha.

Gumaachi isaanii milkaa'ina dhuunfaa qofaan kan madaalamu miti; Oromiyaafi addunyaa gidduutti riqicha walitti hidhamiinsaa ijaaruunis gahee olaanaa bahataa jiru. Milkaa'inni isaanii dargaggoota keenya abdii, ofitti amanamummaafi kaayyoo cimaadhaan abjuu isaanii akka hordofan kakaasa.

Alii Ahmad imala hanga ammaatti taasiseen boonnera. Fuuldurattis milkaa'ina caalu akka galmeessu hawwina. Ilmaan Oromoo eenyummaa isaanii kabajanii bakka kamiyyuu jiraatan, ulfinaafi maqaa gaarii Oromoo of-waliin baatanii imalu. Kun imala isaanii qofa osoo hintaane, ulfina ummata isaanii maraati jedhan.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
567002
ABC News Afaan Oromoo

Jul 22, 2026, 11:03

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan taphataa kilaba Noorwiich Siitii Alii Ahimad simachuun waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) –Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa taphataa maatii Oromoo irraa dhalate Alii Ahimad Waajjirasaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Hojii Aliin kubbaa miilaa keessatti hojjachaa jiruun akka biyyaafi naannootti itti boonuu kan dubbatan Pireezidaanti Shimallis, Aliin seenaa waancaa Addunyaa irratti garee biyyaalessa Kaanaadaa waliin galmeesseef baga gammadde jedhaniiru.

Pireezidaanti Shimallis, Alii Ahimad Akkaadaamii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa keessatti banuuf fedhii qabaannan deeggarsa barbaachisu akka godhan dubbatan.

Simannaa isaaf godhametti gammaduu kan hime Alii Ahimad, iddoon ka’uumsa koo Itiyoophiyaa, aadaafi duudhaa Oromoonan guddadhe waan ta’eef iddoo ka’uumsa koo hin dagadhu jedhe.

Gara Itiyoophiyaa dhufuu kootti gammadeera, kanaan ol maqaa Itiyoophiyaa waamsisuufis nan hojjedha jechuu isaa OBN’n gabaasera.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
907005
ABC News Afaan Oromoo

Jul 22, 2026, 11:03

Alii Ahimad Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwate

Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) - Taphataan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kaanaadaa maatii Itiyoophiyaa irraa dhalate Alii Ahimad Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwateera.

Kilaba Kubbaa Miilaa Ingilaand Noorwiich Siitiif taphachaa kanjiru Alii Ahimad, Waancaa Addunyaa 2026 irratti garee biyyaalessaa Kaanaadaaf taphoota afur irratti hirmaachuun ga'umsa mul'iseen dinqisiifannaa olaanaa argateera..

Taphataan dargaggeessi kun gara Itiyoophiyaa dhufuun iddoowwan hawwata turizimii adda addaa magaalaa Finfinnee keessatti argaman daawwachaa jira.

Alii Ahimad hirmaannaa ispoortii jajjabeessuuf, akkasumas misooma ispoortii Itiyoophiyaa irratti bu'aa gaarii fiduuf gaaffii Imbaasiin Itiyoophiyaa dhiyeesseef gammachuudhaan fudhachuun gara Itiyoophiyaa dhufeera jechuun ibsameera.

Ministeerri Dhimma Alaa, Ministeerri Aadaa fi Ispoortii, Ministeerri Turizimii fi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa turtii Alii Ahimad Itiyoophiyaa keessatti taasisu milkaa'ina akka qabaatuuf hojii waloo hojjechaa jiru.

Alii Ahimad guyyaa har'aa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waliin mari’achuun kan yaadatamuudha.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
530001
ABC News Afaan Oromoo

Jul 22, 2026, 11:03

Namtichi lukkuu adda taate kan guyyaa guyyaadhan hanqaaquu warqii buustu qabuu. Gurgurtaa hanqaaquu sanaan suuta suutan badhaadhu egale.
Haa ta'u malee yeroo tokkotti saffisaan duroomu fi warqii baayyee argachuu waan hawweef, Lukkuun kun garaa ishee keessatti warqii baayyee waan qabduuf guyyaa guyyaadhan buusti, kanaaf garaa ishee baqaqseen warqii achi keessa jiru yeroo tokkotti baasun qaba jedheeti yaade. Achin booda lukkuu sana ni qalee.
Haa tahuu malee garaa ishee keessatti wanti lukkuu kaan irraa adda ta'e hin argamne. Namtichi haal-tokkotti duroomu hawwu isaatirraan kan ka'e hanqaaquu warqii guyyaa guyyaadhan argatuus ta'ee lukkuu isaas all-tokkotti dhabee.

Yeroo tokkotti waan qabnuu olitti baay'ee argachuu barbaaduun isa duraan qabnu kan nu fayyadu sanaayyu nudhabsiisuu danda'a.
Humnaa ol barbaadun kan qabnuuyyu nu dhabsiisa!

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
1,220003
ABC News Afaan Oromoo

Jul 22, 2026, 11:03

Itiyoophiyaan ka’umsa seenaafi mana kooti- Alii Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 13, 2018(FMC)- Dhalataan Itiyoophiyaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Kaanaadaaf taphatu Alii Ahimad guyyaa har’aa Finfinnee galeera.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Makkiyyuu Mahaammad wayita taphaticha simachuun waliin mari’atan akka jedhanitti, taphataan Piroofeeshinaalaa dhalataan Itiyoophiyaa gara biyya isaatti dhufuun Ispoortii biyyattiif qooda olaanaa qaba.

Dorgomtummaa Itiyoophiyaan waltajjii idil-addunyaa irratti qabdu cimsuu keessattis carraa haaraa uuma jedhaniiru.

Itiyoophiyaatti piroojektoota Ispoortii guddisuufi guddattoota oomishuuf bocaman irratti mari’achuu kaasanii, bu’uuraalee misoomaa Ispoortii babal’isuun, giddugaloota leenjii ijaaruun fi guddattoota irratti xiyyeeffannoon hojjechuuf karoorfamuu eeraniiru.

Taphatichi turtii Itiyoophiyaatti taasisuun qaamolee qooda fudhattootaa garaagaraa waliin akka mari’atu ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Tuurizimii Dooktar Indaganaa Abbabaa gamasaaniin, dhalattoonni Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraatti argaman biyya isaanii sadarkaa idil-addunyaatti akka beeksisaniif hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Alii Ahimad ammoo Itiyoophiyaan ka’umsa seenaafi mana isaa ta’uu ibseera.

Mootummaa waliin ta’uun damee Ispoortii Itiyoophiyaa irratti hojjechuuf qooda isaa bahachuuf qophii ta’uu ibsuusaa ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
1,3400014
ABC News Afaan Oromoo

May 11, 2026, 10:08

"Dubartoonni walqunnamti saalaa malee jiraachuu danda'u?"
***********
Blue vulva kan jedhamu dhukkubbii dubartiin takka fedhiin walqunnamtii saalaa itti dhufee fedhii ishee yoo bahuu baatte dhukkubbii qaama saalaa mudatuudha. Dubartoota baay'ee mudachuu danda'a. Kan isaan hin mudanes jiru. Akkuma beekkamu dubartoonni fedhiin walqunnamtii saalaa gaafa itti dhufu qaamni saalaa isaanii gocha kanaaf qophaa'a ta'uudhaaf dhiigni ujummoo dhiiga raabsaniin (arteries) sirritti gara naannoo qaama saalaa imala. Dhiigni dura garas imale immoo akka achii hin deebine ujummooleen dhiiga deebisan (veins) kan gara olitti argaman walitti butamuudhaan dhiigni naannoo san akka turu godhama. Haalli kun, akkuma walqunnamtii saalaa raawwatanii fedhii bahaniin iddoo isaa duraatti deebi'a. Haa ta'u malee, fedhii yoo bahuu baatan miirri dhukkubbii fi wanti akka dhiibbaa wayii namatti dhagahamuu danda'a. Dhukkubbiin kun salphaa fi yeroon booda ofumaaf kan dhiisudha waan ta'eef, wanta nama dhiphisu hin qabu.

Furmaata.
Dhukkubbiin kun dafee akka nama dhiisuuf maloota armaan gadii fayyadamuun nama gargaara.
1. Sochii qaamaa gochuu
2. Abbaa warraa yoo qabaatan walqunnamtii saalaa raawwachuu
3. Xiyyeeffannoo waa'ee walqunnamtii saalaa irraa kaasuu
4. Wantoota ulfaataa ta'an olkaasuu (Weight)
5. Shaaworii bishaan qorraadhaan dhiqachuu
6. Laxxi jedhanii dugdaan ciisuu
7. Bishaan qorraa ayilaandiitti/pilaastikiitti naqanii iddoo dhukkubu sanitti qabuufi kkf.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
2,4800016
ABC News Afaan Oromoo

May 11, 2026, 10:08

Photo
Gorsa Shanan Kana Itti Fayyadami!
***
1. Bakka Hundatti gaarii hojjadhu!
Gaafas maqaan kee bakka gaaritti yaamama.
2. Eenyummaan kee qajeelaan bakka oolteen odoo hin taane, hojii bakka sanitti hojjatteen madaalama.
3. Hanga dandeessu namoota onnachiisi! Nama tuffachuu fii cabsuu namuu ni danda'a waan ta'eef, ati kabajuufii akka inni jijjiiramu jajjabeessuuf yaali.
4. Gammachuu argachuu kan dandeessu gaafa kaayyoo keetiif jiraattu. Kanaaf kaayyoo qabaadhu.
5. Yeroo keetti fayyadami! (Use time wisely)

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
4,8200023
ABC News Afaan Oromoo

May 11, 2026, 10:08

Walqunnamtii Saa-laa Gara Barii
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
➲ Ganama naannoo sa'aatii kudha tokkoo hanga sa'aatii sadiitti hoormoonin testrone waan olka'uuf miirri jiraachuu danda'a.

➲ Halkan fincaan ujummoo fincaanii keessatti kuufamee jiru dhiigarratti dhiibbaa geessisuun akka gara sosochiin dhiigaa gara naf-saalatti yaa'u godha. Kun immoo akka naf-saalli gara barii ka'ee dhaabbatu godha.

◈ Faayidaa isaa:

1. Irra turuuf ni fayyada. Warra dafee dhangalaasuuf furmaata tokko.

2. Fedhiin ni dabala. Ganama ganama naf-saalli waan ofumaan ka'ee dhaabbatuuf akka raawwannuuf nu si'eessa.

3. Humnaan raawwachuuf carraa gaaridha. Guyyaa hojii irra oolanii warri galan galgala dadhabanii waan jiraniif ganama itti ka'uun gaaridha.

4. Ishee fedhii baasuf gargaara. Carraa irra turuu fi humnaan raawwachuun waan jiruuf ishiinis fedhii ba'uu dandeessi.

Hubachiisa : Gara barii fincaan yoo nu qabee jiraate erga fincoofnee booda raawwachuun gaaridha.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
https://t.me/drhoneliat12em💌
2,6700019

Showing 30 of 56 posts

Rating

Login required

Frequently Asked Questions

What is the ABC News Afaan Oromoo Telegram channel about?+

ABC News Afaan Oromoo (@Abcoromoo) is a Telegram channel in the World News category. Baga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!

How do I join ABC News Afaan Oromoo (@Abcoromoo) on Telegram?+

Open the channel profile on tgdio, then use the Join / Open in Telegram button to go to @Abcoromoo in the Telegram app or web client and subscribe for free.

Is ABC News Afaan Oromoo a good World News channel to follow?+

On tgdio you can check ABC News Afaan Oromoo's rating, user reviews, ranking, and latest posts before joining. It currently lists about 22,162 subscribers on tgdio. Compare it with similar World News channels in the same category.

Where can I see ABC News Afaan Oromoo stats and latest posts?+

On tgdio, open the @Abcoromoo channel page for subscriber stats, ranking, ratings, and recent posts. Use the Stats link on the profile for deeper growth and activity charts.